Fana: At a Speed of Life!

Atleet Abbaadii Haddiis boqate

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Atleet Abbaadii Haddiis boqate.
 
Atleet Abbaadii Haddiis Ityoophiyaan fiigicha gabaabaa fi dheeradhaan beekamtii akka argattu ga’eesaa ba’ateera.
 
Abbaadiin reefu umriin isaa waggaa 22 ture.
 
Rakkoo fayyaa isa mudatee tureen deeggarsa yaalaa argachaa turus, kaleessa galgala boqateera.
 
Atleetichi Maqalee Hoospitaala Haaydaritti deeggarsa yaalaa argachaa tureera.
 
Sirni awwaalcha isaas booru magaalaa Maaycawitti gaggeeffama.
 
Abbaadiin dorgommiiwwan olompiikaa, shaampiyoonaa addunyaa, qaxxaamura biyyaa addunyaa, tapha guutuu Afrikaa, shaampiyoonaa atleetiksii Ityoophiyaarratti hirmaachuun meedaaliyaa fi badhaasa argateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.