Fana: At a Speed of Life!

Atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa irratti hirmaataniif geggeessaan taasifame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)-Atileetota Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa irratti hirmaataniiniif sirni geggeessaa taasifameera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaan Hagayya 13-21, 2015 Haangaarii magaalaa Budapeestitti gaggeeffama.

Sirna geggeessaa atileetotaarratti Ministirri Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Pireezidaantii Koree Olompikii Ityoophiyaa Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgisii fi Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaa Gargaartu Koomiishinaraa Daraartuu Tulluu dabalatee miseensonni garee jilichaa argamaniiru.

Gareen jilichaa marsaa afuritti qoodamuun gara Hangaariitti kan imaluu ta’uu Federeshiniin Atileetiksii Ityoophiyaa beeksiseera.

Taarikuu Guutaa gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.