Fana: At a Speed of Life!

Atileetonni Ityoophiyaa Liigii Daayimandii Dohaarratti ni hirmaatu

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Atileetonni Ityoophiyaa baatii Eblaa dhufu Kuwataar Dohaatti kan gaggeeffamu dorgoommii Liigii Daayimadii irratti ni hirmaatu.

Abbaa rikaardii shaampiyoonaa mana keessaa addunyaa Atileet Lammeechaa Girmaan dorgommicharratti tilmaama olaanaa argateera.

Atileet Lammeechaa Girmaan dorgommii Liigii Daayimadii meetira 300’n Atileetota shan waliin morkii cimaa akka taasisa eegama.

Dabalataan Atileet Yoomiif Qajeelchaa fi Solomoon Baaraggaa dorgommii fageenyichaarratti kan hirmaatan yoo ta’u, Atilrrtiim lammii Moorookoo Soofiyaan Al Baakaalii fi Atileetiin Lammii Keeniyaa Xiimootii Cheeriyootii fi kanneen biroon ni hirmaatun jedhameera.

Dorgommiin Liigii Daayimadii Ebla 5 Kuwaataar Dohaatti akka gaggeeffamu ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.