Fana: At a Speed of Life!

Atileet Tsiggee Dhugumaaf beekkamtiin kenname

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)-Naannoon Beenshaangul Gumuz Atileet Tsiggee Dhugumaaf beekkamtii fi badhaasa kenneera.

Waltajjii beekkamtii fi badhaasa kanarratti Atileet Tsiggeef Magaalaa Asoosaa keessaa invastimantiif kan oolu lafa kaaree meetira kuma 1 fi badhaasni Warqee kennameera.

Dabalataan leenjisaa isheef badhaasni Warqee kennamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan haasawa taasisaniin, fageenya hinbaramneen Atileet Tsiggeen biyyattiif meedaaliyaa argamsiisuu kabajaa fi dinqisifannaa qaban ibsaniiru.

Kun ammoo naannichi damee Ispoortiin humna qabu kan akeeku ta’uun milkaa’inaa olaanaadha jedhan.

Naannichi damichaan ogeeyyii fi dhaloota bakka bu’u akka horatuuf hoji manee kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Atileet Tsiggee Dhugumaan gama isheen simannaa fi beekkamtii naannichi kenneef galateeffachuun, naannichatti pirojektoonni yoo babal’atan Ispoortessitoota hedduu horachuun akka danda’amu, xiyyeeffannaan kennamee akka hojjetamus gaafatteetti.

Atileet Tsiggee Dhugumaan Olompikii Paaris 33’ffaarratti fiigicha meetira 800 dubartootaan meedaaliyaa Meetii argamsiisuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.