Fana: At a Speed of Life!

Atileet Taammiraat Tolaan Uummata Warqee bare dheebuu baase-Aade Adaanech Abeebe

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)-Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Atileet Taammiraat Tolaan Maaraatoonii Olompikii Paariis injifachuun ilaalchisee ergaa gammachuu dabarasaniiru.

Ergaa isaaniin Gooticha Atileet Taammiraat Tolaatiin Injifannoo rikoordii haaraan dabaalame argamuu ibsaniiru.

“Uummata dorgommii atileetiksiitiin warqee bare dheebuu kan baase, deebii hawwii ta’ee akkasumas aarii fi mufannaa kan qabbaneesse, injifannoo guddaa rikoordii haaraan dabaalame gooticha ilma keenya atileet Taammiraat Tolaatiin argachuu keenyaaf irra deebiin baga gammaddan!” jedhaniiru.

Atileet Taammiraat Tolaan Fiigicha maaraatoonii Olompikii paariis har’aa gaggeeffame sa’aatii 2 fi daqiiqaa 06 fi sekoondii 26’n xumuruun Meedaaliyaa Warqee Itiyoophiyaaf argamsiisuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.