Atileet Siifan Hasan fiigicha fageenya meetra 10,000n rikkardii Awurooppaa harka galfatte
Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Atileet Siifan Hasan fiigicha fageenya meetra 10,000n rikkardii Awurooppaa harka galfatte.
Atileet Siifan Hasan dorgommii fiigicha fageenya meetra 10,000 Hengiloo, Nezarlaanditti dorgomteen rikardii Awurooppaa harka galfatte.
Atileet Siifan haala mijataa hin taanee fi rooba keessa fiiguun daqiiqaa 29:36.67 tiin galuun ture kan injifatte.
Bara 2002tti rikkardii lammii Yuunayitiid Kingidaam kan taate Atileet Paawul Radiikiliif galmeessite sekondii 24n fooyyeessuun rikkardii Awurooppaa kan harka galfatte Siifan.
Haaluma walfakkaatuun, dorgommii Hoolaand Heengiloottii gaggeeffameen fageenya meetra 5000 tiin Atileet Yoomiif Qajeelchaa 1ffaa bahuun injifateera.
Yoomiif daqiiqaa 13:12.84 galmeessuun injifateera.
maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa