Fana: At a Speed of Life!

Atileet Madiinaa Iisaan Rikardii fiigicha meetira kuma 5’n galmeessite ragga’e

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2017 (FBC)- Fiigicha meetira kuma 5 dubartoota umrii 20 gadiin Rikardiin Atileetii Itiyoophiyaa Madiinaa Iisaan galmaa’e ragga’e.

Baatii darbee Beeljiyam Biraasalsitti dorgommii fiigichaa gaggeeffameen Atileet Madiinaa Isaa Daqiiqaa 14, sekoondii 21 fi maayikiroo sekoondii 89’n xumuruun ni yaadatama.

Rikardiin figicha kanaa waggaa 20’n dura Atileet Ganzabee Dibaabaan daqiiqaa 14, sekoondii 30 fi maayikiroo sekoondii 88’n galmaa’ee ture.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.