Atileet Maammoo Mangistuu fi Atileet Zinnaash Gaarradoo dorgommi Maraatoonii Abbabaa Biqilaa injifatan
Finfinnee, Waxabajjii 5, 2014 (FBC) – Atileet Maammoo Mangistuu dhiiraan, Atileet Zinnaash Gaarradawu dubartootaan dorgommii fiigicha Maraatoonii Abbabaa Biqilaa 38ffaa Magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffame injifatan.
Dorgommicha De’eetaa Ministiraa Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Charinnat Masfiin fi Kantiibaa Baahirdaara Duraanii Dooktar Diras Saahiluu dabalatee hooggantooni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Dorgommii maaraatoonii kana dhiiraan Atileet Maammoo Mangistuu Poolisii Oromiyaarraa 1ffaan xumureera.
Atileet Tsidaat Abajjee fi Asaffaa Tafarraa Humna Elektirikaarraa 2ffaa fi 3ffaa ba’aniiru.
Dubartootaan ammo Atileet Zinnaash Gaarradoo Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa 1ffaan xumurteetti.
Atileet Ayyaantuu Gammachuu Poolisii Federaalaarraa 2ffaa, Atileet Bizu’ager Adaraa Humna Elektirikii ityoophiyaarraa 3ffaan xumuraniiru.
Koorniyaa lamaaniin kanneen 1ffaan xumuraniif badhaasnii Birrii kuma 50 kan kenname yoo ta’u, kanneen 2ffaa fi 3ffaa ba’aniif ammo badhaasni Birrii kuma 20 kennameera.
Dorgommicharratti atileetonni dhiiraa 135 fi dubartoonni 101 hirmaataniiru.
Maddi :- TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.