Fana: At a Speed of Life!

Atileet Gooyititoom Gabrasillaaseen Birrii kuma 300 badhaafamte

Finfinnee, Qaammee 4,2014(FBC)-  Kilabiin Ispoortii Ityoo-Elektirik atileet Gooyititoom Gabrasillaaseef Birrii Kuma dhibba 3 badhaase.

Kilabichi sagantaa badhaasaa hoteela Iskaayilaayittitti qopheesseen ispoortessitoota dorgommiiwwan garaagaraan bu’aa olaanaa galmeessisaniif badhaasa Birrii kuma 5 hanga kuma dhibba 3 badhaaseera.

Atileet Gooyititoom Gabrasillaaseen badhaafamtuu addaa ta’uun Birrii kuma dhibba 3 badhaafamteetti.

Kilabichi  bara 2014tti ispoortessitoota atileetiksii, kubbaa miilaa dubartootaa, biskileetiifi teenisii minjaalaan bu’aa olaanaa galmeessisaniif badhaasa maallaqaafi waraqaa ragaa kennuu eerameera.

Sirna badhaasichaarratti pireezidaantiin kilabichaa obbo Caalaafi Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Dooktarri kabajaa Koomaandar Atileet Daraartuu Tulluun argamuu ragaan kilabicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.