Fana: At a Speed of Life!

Atileet Dirribee Waltajjii fi Gudaaf Tsaggaayiin meetira kuma 1 fi 500 xumuraaf darban

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Fiigicha mana keessaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffamaa jiruun Atileet Dirribee Waltajjii fi Gudaaf Tsaggaayiin meetira kuma 1 fi 500’n xumuraaf darbaniiru.

Fiigicha gulaallii ramaddii 1ffaa keessatti kan hirmaatte Atileet Gudaaf Tsaggaayiin fageenyicha daqiiqaa 4:11.87 xumuruun sadarkaa 1ffaan xumuraaf yoo dabartu, Atileet Dirribee Waltajjiin ramaddii 3ffaarraa fageenyicha daqiiqaa 4:12.25 xumuruun sadarkaa 1ffaa bahuun falmii xumuraaf darbuu ragaan Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.