Fana: At a Speed of Life!

Atsadamaariyaam Yaaregaal Dorgaadorgee ‘Faana Laamroot’ injifatte

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Atsadamaariyaam Yaaregaal dorgaadorgee ‘Faana Laamroot’ 1ffaan xumurte.

Torbanoota 8’f dorgommiin ‘Faanaa Laamroot’ Boqonnaa 14ffaan gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurameera.

Morkii cimaan kan irratti mul’ate dorgaadorgeen kanarratti Atsadamaariyaam Yaaregaal injifachuun badhaafamtuu Birrii kuma 400 ta’uu dandeesseetti.

Tigisti Asmaaree 2ffaan, Baamilaak Biyaadgillinyi 3ffaan akkasumas Tisaa’ee Silashii 4ffaan xumuraniiru.

Haalumaa kanaan walduraa duuba sadarkaa ba’aniin badhaasni Birrii kuma 400, kuma 300, kuma 200 fi kuma 100 kennameeraafi.

Badhaasichaas Hoji Gaggeessaa Olaanaa FBC Obbo Admaasuu Daamxoo kan kennan yoo ta’u, dorgommii torban 8ffaa irratti dorgommichaan ala kan taate Raheel Tarreessaa haala addatiin badhaasaa Birrii kuma 50 fi dorgommii mo’aa mo’attootaarratti akka hirmaattu murtaa’uu dubbataniiru.

Dabalataan Obbo Admaasuun akka jedhanitti, Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet, kan ummataa dhaaggeeffatuudha.

Addunyaa aartii keessatti hedduu hojjechuuf imala kan eegalee ta’uu kaasanii, sagantaan dorgaadorgee ‘Faanaa Laamrootis’ dargaggoonni carraa kan itti argatan, egereen isaanii fooyya’aa akka ta’uu fi yoomiyyuu injifachuuf kan itti hojjetaniidha jedhaniru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.