Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraan Magariisni hambaa dhalootaatti darbudha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Ashaaraan Magariisni hambaa dhalootaatti darbudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Sagantaa Ashaara magariisaa baranaa mata duree ‘Egeree keenya har’a haa dhaabnu!’ jedhuun kan gaggeeffamuu fi kunis yaada ijoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa har’a jalqabnuuti jedhan.

Boqonnaan jalqabaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabaman milkaa’uu kan himan muummeen ministiraa Abiy Ahimad, marsaa 2ffaanis Itoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabdu himan.

“Ashaaraan Magariisni hambaa dhalootaatti darbudha. Jijjiirama haala qilleensaa fi golgolaa’uu naannawaa ittiin damdamachuuf karoora biyyaa madde goonee kan kaayyeffanedha” jedhaniiru.

Sagantichi carraa hojii uumuufis mala tokko ta’u, biqiltuuwwan nyaataaf oolan dhaabuun karaa wabii nyaataa ittiin mirkaneessinnu keessaa tokko ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.