Ashaaraan Magariisaa qabeenya uumamaa keenya bade deebiseera- MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Hagayya 7, 2014 (FBC)- Ashaaraan Magariisaa qabeenya uumamaa keenya bade deebiseera jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad sagantaa Ashaaraa Magariisaan guyyaa har’aa magaalaa Hararitti biqiltuu dhaabaniiru.
Waggoottan arfan darbanitti ashaaraan magariisaa Ityoophiyaaf kan baasu ta’uu mirkaneessineerra jedhan.
Ashaaraan magariisaa qabeenya uumamaa bade kan deebisu ta’uusaaf haroon Haramayaa ragaa ta’uu ibsaniiru.
Yeroo itti aanuttis naannoo hiyyummaafi fi badiisarraa baraaruuf ashaaraa magariisaan naannoo eeguun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.