Fana: At a Speed of Life!

Ashaaraa Magariisaa marsaa afuraffaaf qophiin boollaa guutummaa biyyattiitti gaggeeffameera-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa marsaa afuraffaa sagantaa kanaaf guutummaa biyyattiitti hojiin boollaa biqiltuu qopheessuu gaggeeffamaa turuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kaaraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, yeroon sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2014 eegalu dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
Marsaa afuraffaa sagantaa kanaaf guutummaa biyyattiitti hojiin boollaa qopheessuu gaggeeffamaa turu yaadachiisan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisa bara 2014’f biqiltuuwwan biiliyoona 6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
Barana dhaabbii biqiltuu gaggeeffamuun, biqiltuuwwan bosonaa biiliyoona 3.3, biqiltuwwan miiliyoona dhibbaa 5 fi miiliyoona 18 kan firiin isaanii nyaatamu, biqiltuu Leemmanii miiliyoona 35 fi biqiltuuwwan miiliyoona 800 nyaata beeylaadaaf kan oolaanii fi kanneen biroon qophaa’uu ministeerichi beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.