Fana: At a Speed of Life!

Asallaatti proojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 100 oliin hojjetamaa jiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Bulchinsa Magaalaa Asallaatti proojektoonni misoomaa 63 birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 60’n hojjetamaa jiran daawwatamaniiru.
Proojektoonnii kanneen Jila Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Manneenii fi Magaalotaa Oromiyaa Injiinar Ayyalaa Kaffaaloon daawwatamaniiru.
Injiinara Ayyalaan, magaalonni proojektoota hojjataman hundi qulqullinaan fi yeroo qabameef keessatti xumuruun tajaajila hawaasaaf ooluu qabu jedhaniiru.
Magaalichatti pirojektoonni buleeyyiifi bara kana hojjataman 63 oli yeroo ammaan kana irra caalaan isaanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Gazaal Hashuu himaniiru.
Piroojektoonni kunneen pirojektoota rakkoo hawaas_diinagdee furan jedhamuun birrii miliyoona 100fi miliyoona 60’n hojjatamaa kan turan tahuus himaniiru.
Magaalichatti proojektoonni buleeyyii fi bara kana hojjetaman 63 ol irra caalaan isaanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Kantiibaan Magaalaa Asallaa Obbo Gazaal Hashuu himaniiru.
Proojektoonni kunneen proojektoota rakkoo hawaas-diinagdee furan Birrii miliyoona 100fi miliyoona 60’n hojjetamaa jiran ta’uu himaniiru.
Proojektoonni kunneen daandii, riqicha, keellaawwan fayyaa, bishaanii fi kanneen birooti jedhameera.
Jamaal Gandootu gabaase
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.