Fana: At a Speed of Life!

Artistoota waliin haala yeroo biyyaarratti mari’atame

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Haala yeroo biyyaarratti Artistoota waliin Giddu Gala Aadaa Oromootti mariin gaggeeffameera.

Artistootni hojii aartiin aadaa,seenaa fi duudhaa uummata Oromoo calaqqisiisuuf gaheen bahachaa turanii fi bahachaa jiran olaanaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obbo Huseen Fayyisoo ibsaniiru.

Jijjiiramaa as Ityoophiyaan qormaatawwan garaagaraaf saaxilamuufi  biyyattii nagaafi tasgabbii akka hin qabaanneef gareen ABUT hojjechaa jiraachuu himan.

Waraana yeroo lama gaggeesseen lammiilee dararuu, jumlaan ajjeesuu fi qabeenya saamuun gocha badii raawwachuu yaadachiisaniiru.

Garichi yeroo 3ffaaf qaamolee guddinaafi jijjiirama biyyattii hin barbaanneen deggeramuun lola banee jiraachuu kaasaniiru.

Garichi artistoota Oromoorraan dararaa cimaa gahaa turuu fi lubbuu dabarsaa turuu artistoonni waltajjicharratti hirmaatan yaadachiisaniiru.

Akkuma aartii uummata Oromoo guddisuuf hojjechaa jirru birmadummaa biyyattii kabachiisuu fi nageenya keenya eeggachuuf qophiidha jechuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.