Fana: At a Speed of Life!

Artisti Alii Birraa mallattoo jaalala biyyaatti-Obbo Agaanyawu Tashaagar

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Abbaan ogummaa aartii hunda galeessi Artisti Alii Birraa “Mallattoo Jaalala Biyyaati” jechuun Afyaa’iin Mana Mare Federeeshinii Aaganyawu Tashaagar dubbatan.

Obbo Agaanyawu addaabaabayii michummaatti sirna gaggeessaa Artisti Alii Birraa raawwatamerratti haasawaa taasisaniin, du’aan boqochuu Artistichaan gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Artisti Alii Birraa nama ogummaa aartii tokkummaa heddumminaa qabateedha jedhan.

Alii Birraa afaanotaa ittiin weelliseen tokkummaa lallabeera jedhanii, hundaa ta’anii, hundaa tajaajilanii darbuun carroomuu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan wayita tuqamtee fi gadditetti Alii Birraa jalqabarratti nama hiriire ta’uu kaasuun dhukkubaa fi dadhabbii keessattillee Ityoophiyaaf nama falmaa tureedha jedhaniiru.

Kanaaf Artisti “Alii Birraa mallattoo jaalala biyyaati” jechuun ibsan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.