Fana: At a Speed of Life!

Artisti Alii Birraa kan ittiin yaadatamu bulchiinsi magaalichaa ni qopheessa-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)- Sagantaan yaadannoo Artisti Alii Birraa Galma Tiyaatiraa fi Aadaa Bulchiinsaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Sagantaa yaadanno kanarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee argamuun ergaa dabarsaniin, Alii Birraan namoota biroof kan jiraatee darbe sagalee bilisummaati jedhan.

Artisti Alii Birraa bara jireenyaa isaatti hojiileen hojjete, kan dhalootatti darban ta’uun dhalootaaf fakkeenya ta’ee kan darbe nama aartii ta’uu dubbataniiru.

Artisti Alii Birraan kan ittiin yaadatamu bulchiinsi magaalichaa akka qopheessuu Aadde Adaanech eeranii, manni barnootaa gootonni hedduun keessaatti horataman maqaa isaan akka moggaafamu ibsaniiru.

Dabalataanis addaabaabayii magaalichaa maqaa isaatiin moggaafamu akka qophaa’us himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.