Fana: At a Speed of Life!

Artisti Alii Birraa boqote

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Artistii gameessii Dooktara Kabajaa Alii Birraa du’aan Addunyaa kanarraa boqote.

Artisti Alii Birraa dhukkubsatee Hospitaala Waliigalaa Adaamaattii wal’aamaa turuun kan yaadatamuudha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hintaane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har’a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Gumaacha Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan kan yaadatamuudha.

Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta’eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda’aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dooktara Kabajaa Alii Birraaf Jannata, ummata Oromoo, dinqisifattootaa fi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawweera.

Sirna geggeessaa Artisti Alii Birraa kabaja gootaaf maluun kan raawwatamuu ta’uu ibsuun Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamus hojiitti eegaluu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.