Artist Wandiwasan Birhaanuu (Saajiin Dokkilleen) addunyaa kanarraa du’aaan boqote
Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Artiist Wandawasan Birhaanuu Saajiin Dokkillee jedhamuun kan beekamu addunyaa kanarraa du’aan boqote.
Artiist Wandawasan dhibee onneen umrii waggaa 57ffaa isaatti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Artiist Wandawasan Birhaanuun waggoottan 20 darbaniif aartii gama koomeediin hojiilee bashannansiisoo fi barsiisoo uummata biraan ga’aa turuun isaa kan yaadatamudha.
Artiist Wandawasn Birhaanuun bultii kan dhaabbatee fi abbaa ijoollee 5 ture.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.