Fana: At a Speed of Life!

Artiist Sorsaa Lammii eenyu?

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Artiist Sorsaa Lammii har’a Addunyaa kanarraa du’aan boqote eenyu?

Artiist Sorsaa Lammii Gullallee Bara 1956 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagamitti Abbaa isaa Obbo Lammii Gullallee fi Haadha isaa Aadde Abarraash Alamuu Galataarraa dhalate.

Aartiist Sorsaan barnoota isaa sadarkaa 1ffaa hanga kutaa 6ffaa Harargee Lixaa Aanaa Baddeessatti, sadarkaa 2ffaa ammoo Cirootti barate.

Artiist Sorsaan Qoosaawwan , waltajjiiwwan dursuu fi Aartiiwwan biroorratti hojjechuun Aartii Oromoo guddisuu keessatti qooda olaanaa bahataa tureera.

Itti Aaanaa Dura Taa’aa Waldaa Komidiyaanoota Oromoo ta’ee tajaajilaa tureera.

Artiist Sorsaan abbaa ilma dhiiraa 1 fi ijoollee durbaa 4 waliigala abbaa ijjoolee 5 turan.

Artiist Sorsaa Lammiin dhibee yeroo dheeraaf irra bubbuleen yaalamaa turuun ganama har’aa Hospitaala Phaawuloositti umrii waggaa 60ffaa isaatti addunyaa kanarraa du’aan boqochuu Dura Taa’aan Waldaa Komidiyaanoota Oromoo Artiisti Taaddalaa Alamaayyoon FBCtti himaniiru.

Daadhii Tufaa fi Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.