Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti Waldorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Godina Arsii Lixaatti Aanaa Nageellee Arsiitti waldorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa fi feestivaalli Ispoortii 10ffaan gaggeeffamu eegale.

Waldorgommii shaampiyoonaa ispoortii aadaa kun gosoota Ispoortii Aadaa 8tiin kan gaggeffamu yoo ta’u Aanoonni 13 fi magaalonni godinichaa 2 akka hirmaatan ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Godina Arsii Lixaa Obbo Kamaal Ibraahim, Waldorgommiin Ispoortii aadaa kan gaggeeffamuus bifa aadaa fi duudhaa sabichaa calanqisiisuun akka ta’ee ibsaniiru.

Kunis aadaa dhokataa jiru ifa baasuuf gahee olaanaa akka qabu himaniru.

Jamaal Kadirootu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.