Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti hojiiileen ittisaa dhibee busaa xiyyeeffannaan hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixiaatti hojiiileen ittisaa dhibee busaa xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Fayyaa Godinichaa beeksise.

Itti Gafatamaan Itti Aanaa Waajjiira Fayyaa Godinichaa Obbo Kadiir Xaahir Godina Arsii Lixaatti tatams’ina dhibee Busaa mudataa jiru hordofee saamuda namoota kuma 32 ol irraa fudhatame keessaa namoonni kuma 12 ol dhibechaaf saaxilmuu ibsaniiru.

Godinichatti dhibee Busaa ittisuu fi to’achuuf saaphanni siree kumni 468 ol abbootii warraa kuma 178 oliif raabsamu Obbo Kadiir himaniiru.

Godinichatti aanaalee akka Wandoo, Siraaroo fi Shaallaa dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu fi rakkoo kana furuuf hojiileen hubannoo cimsuurratti hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Aanaalee dhibee busaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun iddoo walhormaata bookee busaaf mijataa ta’eetti biiffaan keemikaalaa gaggeeffamuudha kan eeran.

Hojiin ittisaa fi to’annoo hojjatamaa jiraatus dhiyeessiin qoricha dhibee busaa hanqina qabachuu eerameera.

Hawaasni haalota walhormaata bookee busaaf mijaa’oo ta’an dhabamsiisuun dhibee busaa irraa akka of eeguuf waamichi dhiyaateera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.