Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti hawaasni aanaalee afurii gurgurtaa Kaarbaniirraa Birrii miiliyoona 35 ol argatan jedhame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti hawaasa naannawaa bosonaa aanaalee Adaabbaa, Dodolaa, Nansaboo fi Kokkosaa jiraatan waldaan gurmaa’uun gurgurtaa Kaarbaniirraa Birrii miiliyoona 35 ol argachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Arsii Lixaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa raawwii hojii waggaa Aanaalee fi Magalootaa bara 2014 gamaaggameera.

Itti Gaafatamaan Abbaa Taayitichaa Obbo Abdurazaaq Abdulqaadir hanga yoonaatti bosonni uumamaa godinichaa % 67 waldaan akka eegamu taasifamuu himan.

Iddoowwan mancaatiin bosoona hammaataa ture furuuf hawaasa naannaa bosonaa hubachiisuu fi gurmeesuurratti bu’aan jajjabaan argamuu eeraniiru.

Waldaaleen kunneen bosona eeguun gurgurtaa Kaarbaniin bu’aa akka taasifamuu kaasanii, hawaasa naannawaa bosona aanaalee Adaabbaa, Dodolaa, Nansaboo fi Kokkosaa jiraatan gurgurtaa Kaarbaniirraa Birrii miiliyoona 35 ol argachuu eeraniiru.

Gurgurtaa kaarboonii cimsuu fi waldaa eegumsa bosonaa babal’isuun Abbaan Taayitichaa akka Oromiyaatti badhaafamuun isaa kan yaadatamudha.

Waltajjii gamaaggama kanarratti aanaalee fi magaalota bu’aa olaanaa argamsiisaniif beekamtiin kennameera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.