Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti dhaabbileen siiviilii rakkoolee hawaasaa furuuf pirojektii Birrii biiliyoona 3 eegalan

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)- Godina Arsii Lixaatti dhaabbileen Siiviilii rakkoolee hawaasaa furuuf pirojektii Birrii biiliyoona 3 eegalaniiru.

Pirojektiiwwan dhaabbilee siviilii godinichaan hojjetaman kunneenis dhaabbilee fayyaa ijaaruu fi suphuu, dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu, manneen barnootaa ijaaruu fi aanaalee hoongeen mudatetti hawaasaa miidhameef deeggarsa taasisuu fa’aa akka ta’e eeramera.

Kana males, dhaabbileen kunniin kunuunsa qabeenya uumamaa fi naannoo irratti akka hojjetan himaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolosaa, deeggarsa dhaabbileen siiviilii hawaasaaf taasisan akka galma ga’uuf deeggarsaaf hordoffii barbaachisaa ni taasifna jedhaniiru.

Hawaasnis deeggarsa taasifamuuf sirnaan akka itti fayyadamu waamichi dhiyaateera.

Jibriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.