Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti balaa Ibiddaa tasa Uumameen qabeenyi manca’e

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti balaa Ibiddaa tasa Uumameen qabeenyi barbadaa’uu ibsameera.
Kaleessa galgala naannoo sa’aatii 12 :30tti magaalaa Hasaasaa ganda 02 naannoo buufata konkolaataatti balaa Ibiddaa uumameen qabeenyi barbadaa’uu eerrameera.
Balaa tasaa uumame kanaan qabeenyi akka Kompaayinaroota qonnaa, Kuusaan midhaanii, manni kuusaa meeshaalee Konkolaataa, beezilaa, manni nyaataa fi manni Farniicharii miidhamuu himameera.
Akka Waajjiirri Dhimmoota Koominikeeshinii mootummaa Godina Arsii Lixaa beeksisetti, balichi hirmaannaa uummataan miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisiiin too’atameera.
Balaan kun rakkoo nageenyaatiiin akka uumameetti oduun miidiyaa hawaasaan tatamsa’u olola sobaa ta’uu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.