Argisiisni kitaabaa Waajjira Muummee Ministiraatiin qophaa’e xumurame
Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)- Mata duree “Jecha, Gocha, Dhaloota” jedhuun guyyoota 6’f argisiisni kitaabaa Waajjira Muummee Ministiraan qophaa’ee gaggeeffamaa ture xumurameera.
Guyyaa har’aa argisiisa kitaabaa gaggeeffamerratti kallattii guddattooni Kitaaba “Dhaloota Id’amuu” ittiin hubatan hirmaattotaaf dhiyaachuun, Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin hiree Ityoophiyaa kan murteessu isin dhaloota ammaati jedhan.
“Hanqina beekumsaa tokkoon tokkoon nama dhuunfaa kan guutu obboleessa isaati; kana guutuufammoo dhaloonni hundi itti gaafatamummaa qaba” jedhan.
Namoonni waan dhaga’anii fi argan filachuu akka qaban, keessattuu, dhaloonni ammaa waan miidiyaa hawaasummaa garaagaraarraa argu filachuu akka qabu eeraniiru.
Biyya ijaaruun akka daa’ima guddisuuti kan jedhan Muummichi ministiraa daa’ima guddisuuf ammo ittigaafatamummaa hedduu bahachuu barbaachis; Itoophiyaanis akkana jedhaniiru.
Dhaloonni kun ittigaafatamummaa Ityoophiyaa ijaaruu fi guddisuu akka qabu eeranii, rakkoolee Ityoophiyaa kan furamuu danda’u walta’iinsaa fi waldeeggaruun ta’uu ibsan.
Guddttoonni hirmaattotaa argisiisachaa gama isaaniin, kitaabni Dhaloota Ida’amuu waliin jireenyaa fi walta’iinsa haalaan addaan ta’een kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.
Kitaabichi Ityoophiyummaa Afrikummaan, akkasumas, Afrikummaa Addunyaan walsimsiisuunakka ibsu hubanneerra jedhan.
Dhaloonni dhufu Ityoophiyaa ijaaruuf itti gaafatamummaa olaanaa akka qabu eeraniiru.
Dhaloonni ammaas beekumsan qabaatee ce’aa akka ta’uuf kan akka Mana Kitaabaa Abrihootii fi Gola Hambaan Saayinsii dhaabbilee dhaloota qaran ta’uun argsiistuudha jedhan.
Dhaloota egeree ijaaruu fi hubannoon dimokiraasii akka babal’atuuf bu’uuraaleen misoomaa naannoolee fi naannawaa baadiyyatti hundatti ijaaramuu akka qaban dubbataniiru.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.