Fana: At a Speed of Life!

Argisiifni Irreechaa bara 2017 akaakuun jalqabaa ta’e gaggeeffamuufi jedhame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2017 (FBC) – Agarsiifniifi Baazaariin Irreechaa 2017 akaakuun adda ta’e qophaa’uu ibsameera.

Agarsiisichi carraawwan diinagdee adda addaa kan uumuufi taateewwaniifi qabiyyeewwan aadaa kan of keessatt hammatu ta’uu Itti Aanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa ibsanii jiru.

Agarsiifniifi baazaariin kun walta’insa Ivantiifi Piromooshinii Hagaree waliin ta’uun kan qophaa’u ta’uus himan.

Hoji gaggeessituu Dhaabbata Ivantiifi Piroomooshinii Hagaree Aadde Hawwanii Isheetuu gama isaaniitiin agarsiisichi qabiyyeewwan adda addaa kan of keessa qabuufi aadaafi duudhaa Irreechaa caalaatti kan calaqqisisuu ta’uus himaniiru.

Agarsiisaafi baazaarii kana irratti dhaabbilee daldaltootaa dabalatee qaamoleen dhimmamtootaa ni hirmaatu jedhame.

Ekispoon kun Fulbaana 18-24, 2017 kan gaggeeffamu ta’uus ibsameera.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.