Fana: At a Speed of Life!

Argarsiisni oomisha qonnaa Magaalaa Asallaatti baname

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Argarsiisni oomisha qonnaa Magaalaa Asallaatti baname.

Agarsiifni kun oomisha qonnaan bulaa beeksisuun, kallattiidhaan qonnaan bulaa fi fayyadamtoota walitti fiduun maamilummaa isaanii cimsuuf yaadameeti jedhame.

Walitti hidhamnisa gabaa uummuun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf qoodaa jabaa qabuu Hogganaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Ummamaa Godina Arsii obbo Abaabbuu Waaqoo himaniiru.

Agarsiisa kana qindeessummaa waajjira Qonnaa fi qabeenya uumamaa Godina Arsii fi Bulchiinsa Magaalaa Asallaatu waliin qopheessan.

Agarsiisa Oomisha bu’aa Qonnaa kana irratti Qonnaan bultoonni Adda duree Aanaalee 25 Yuuniyeenonni fi qooda fudhattoonni Qonnaa hirmaachaa jiru.

Argarsiisni oomisha qonnaa kun guyyoota sadiif tura jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.