Ardichatti adeemsi proojektiiwwan biyyoota garaagaraa haala gaariin kan ilaalamu ta’uu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)-Afrikaatti adeemsi proojektiiwwan biyyoota ardichaa haala gaariin kan ilaalamu ta’uu Gamtaa Afrikaatti komishiniin dhimmoota namoomaa fi misooma hawaasummaa ibse.
Haaluma kanaan godambaan aadaa Afrikaa Aljeeriyaatti ijaaramuu fi sababa weerara vaayrasii koroonaa eebbi isaa harkifachuu komishinar Amra Il Faadil ibsaniiru.
Bifuma walfakkaatuun giddugalli qorannoo afaan Afrikaa Maalii Baamaakootti ijaaramaa jiraachuu ibsuun, Feestivaala Fiilmii Paan Afrikaa dabalatee ardichatti hojiileen aartii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Agarsiisni faashinii Afrikaa torban dhufuu hoteela Iskaay Laayitiitti kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.
Afawarq Iyaayyuu fi Tsaggayee Wandasaantu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.