Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshiniin Sooftiweerii kaadisteraa biyyaalessaa ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Appilikeeshiniin Sooftiweerii kaadisteraa biyyaalessaa ifoome.

Appilikeeshiniin Sooftiweerii kaadisteraa biyyaalessaa sirna kaadistara si’ataa fi bifa seera qabeessaan hojjechuuf kan gargaaru yaa’ii seektara misooma magaalaa fi konistiraakshinii magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jirurratti eebbifame.

Sooftiweeriin Ejansii Nageenyaa Odeeffannoo hojjetame kun mirga qabiyyee lammiilee mirkaneessuu fi qajeelfama walxaxaa damichaan muldhatu si’ataa taasisuuf ga’ee olaanaa qaba jedhameera.

Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee dhimmi galmessa lafaa baayyee walxaxaa fi kiraa sassaabdummaa kan saaxilame ta’uun kana furuuf sooftiweeriin hojjetamee ifomuun isaa abdii kan namaaf laatudha jedhaniiru.

Itti Aantuun Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Chaaltuu Saanii sooftiweerichi hojjetamuun isaa rakkoo duraan ture waan furuuf ariitiin gara hojiitti akka seenuu qabu himaniiru.

Ministirri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayshaa Mahaammaad gama isaaniin siistemicha magaaloota eeggalchiisuf qophiin akka ta’uu fi ummata bira akka ga’uuf akka hojjetan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.