Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshiniin Hubannoo Namtolcheen (AI) Odeeffannoo Pooliyoo kennuu ifoome

Finfinnee, Mudde 19, 2017 (FMC)- Appilikeeshiniin Hubannoo Namtolchee (AI) fayyadamuun  odeeffannoo Dhibee Pooliyoo kennu ifoomeera.

Itiyoophiyaatti hanqina hordoffii Pooliyoo hambisuuf gargaaraan kan abdatame Appilikeeshiniin “PolioAntena” jedhamu  kun Inistitiyuutii Teeknooloojii Yuuivarsiitii Jimmaan kalaqamuun ibsameera.

Qindeessan Appilikeeshinichaa Hundeessaa Dhaabaa, naannawaalee garaagaraatti Pooliyoo talaalliin walbaree to’achuuf appilikeeshinichi akka tumsu dubbataniiru.

Odeeffannoo walitti qabuutti dabalataan odeeffannicha gara qaamolee dhimmichi ilaallatuutti kan dabarsuu fi dhibichi pooliyoo ta’uu fi dhiisuu adda baasuun kan mirkaneessu ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaas tatamsa’ina Busaa fi dhibeewwan biroo akkasumaas dhibeewwan ittisuuf appilikeeshiniiwwan Hubannoo Namtolcheen (AI) tumsaman Inistitiyuutichaan kalaqamaa akka jiran dubbataniiru.

Warqaafarraa Yaalawuu fi Abeeneezer Taayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.