Fana: At a Speed of Life!

Antooniyoo Gutareez waliigaltee nageenyaa Ityoophiyaa dinqisiifatan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaafi ABUT gidduutti mallatteeffame dinqisiifatan.

Antooniyoo Gutareez waliigalticha ilaalchisee ibsa laataniin, Mootummaa Ityoophiyaafi ABUT waraana waaraan dhaabuuf waliigaltee mallateessuu isaanii gammachuun ni simanna jedhan.

Waliigaltichi walitti bu’iinsa waggoota lama lakkoofsise dhaabuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni hundiifi hawaasni idil addunyaa waliigalticha akka deeggaran gaafataniiru.

Hojiirra oolmaa qajeeltoowwan waliigaltichaaf deeggarsa kan taasisan ta’uu waadaa galaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.