Fana: At a Speed of Life!

Antoonii Bilinkan daawwannaa Ityoophiyaa xumuruun deebi’an

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan daawwannaa Ityoophiyaatti taasisan xumuruun deebi’aniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeessaa taasisuufii TOI gabaseera.

Antoonii Biliinkan turti isaaniin Marii Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin taasisaniin hariiroo biyyoota lameen gidduu sadarkaa caalutti ceessisuuf waliigalaniiru.

Ministirri Dhimm Alaa Ameerikaas deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 331 deeggarsa taasisuu eeraniiru.

Ameerikaan diinagdeen Ityoophiyaan akka cimuuf deeggarsi taasisaa jirtu dameewwan garaagaraan cimee itti fufaas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.