Fana: At a Speed of Life!

Angoolaan Itiyoophiyaa waliin damee qonnaarratti tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Angoolaan Itiyoophiyaa waliin damee qonnarratti tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu Pireezidaantiin Biyyatti Joo’awoo Maanuweel Gonkalvees Looreenkoo ibsan.

Angoolatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Furtuunaa Dibaaku xalayaa muudamaa isaanii Pireezidaantii biyyattiif dhiyeessaniiru.

Wayita kanattis Itiyoophiyaa damee, daldalaan, qonnaan, tuuriizimii fi invastimantiin Angoolaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Furtuunaan ibsaniiru.

Pireezidaantiin Angoola Joo’awoo Maanuweel Gonkalvees Looreenko gamasaaniin, Itiyoophiyaan yeroo dhihoo as damee qonnaan bu’aa olaanaa galmeessisaa jiraachuu kaasaniiru.

Angoolaanis Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.