Zooniwwan Diinagdee Addaa guddina magaalotaaf gumaacha olaanaa qabu – Dooktar Fissahaa Yittaagasuu

Zooniwwan Diinagdee Addaa guddina magaalotaaf gumaacha olaanaa qabu – Dooktar Fissahaa Yittaagasuu

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Guyyaan hundeeffama Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii waggaa 10ffaan Zoonii Diinagdee Addaa Adaamaatti kabajameera.

Zooniwwan Diinagdee Addaa fi Naannawaan Daldala Bilisaa guddina magaalotaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Hojii raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinichaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuun saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin himaniiru.

Koorporeeshinichi Zooniwwan Diinagdee Addaa 10, Naannawaa Daldala Bilisaa 1 fi Paarkiiwwan Indaastirii 2 bulchaa jiraachuu eeraniiru.

Waggootan kurnan darban carraa hojii uumuu, guddina magaalotaa, ce’umsa beekumsaa fi Teeknooloojii akkasumas, Indaastirii babal’isuun gumaacha olaanaa gumaachuu kaasuu ragaan Koorporeeshinichaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment