Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa misoomsuuf waliigalteen taasifame

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Abbaan Taayitaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Dhaabbata Mootummaa Chaayinaa ‘CCECC’ jedhamu waliin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa misoomsuuf waliigaltee mallatteeseera.

Waliigalteen Abbaa Taayitaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaafi Dhaabbata Mootummaa Chaayinaa CCECC giddutti taasifame kun, waggoota shan itti aanaan keessatti lafa Abbaa Taayitaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaatiin qopha’ee, hektaara kuma 1 irratti, giddugala loojiistiikii, giddugala warshaalee qophii omisha al- ergii, paarkii indaastirii naannoo gabaa bilisaafi misooma invastimentii birootif oolu misoomsuuf kan raawwatame ta’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.

Waliigaltee wal hubannoo kanaanis hariiroo Misoomaafi Invastimantii mootummaa Ityoophiyaafi mootummaa Chaayinaa bu’ura godhachuun, invastaroonni biyya Chaayinaa kutaa biyyaa gara garaa yeroo gabaabaa keessatti dhufanii akka misoomsaniif harkisuu, zooniin Dinagdee kun qaama “China Road and Belt Initiatives” akka ta’uuf kan hojjetamu ta’a jedhan Pireezidaanti Shimallis Fuula feesbuukii isaaniin.

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa, invastaroota waamicha sagantaa kanaatiin dhufaniif lafa hektaara kuma 2 fi 900 qopheessuu kaasaniiru.

Abbaan Taayitaa kun lafa hektaara kuma 24 irratti labsiin kan hundaa’e yoo ta’u, akka biyyaatti zoonii dinagdee jalqabaati.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment