Zayta Nyaataa alaa galurratti sirreeffamni gatii taasifame

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Mootummaan Zayta Nyaataa alaa galurratti sirreeffama gatii taasisuu isa Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.

Ministeerichaatti Ministir deettaan damee qulqullinaa fi reegulaatoorii obbo Isheetee Asfaaw, liitira tokkorratti Birrii 4 fi saantima 30 daballiin taasifamuu ibsaniiru.

Dhaabbileen zayta kana dhiyeessuuf naannoolee bakka bu’anii dhufan kamiiyyuu gatii kanaan rabsitootaa fi warreen qinxaaboof laachuu qabu jedhan.

Warreen qinxaaboon fudhatan Birrii 4 fi saantima 30 dabaluun hawaasatti gurguruu akka qaban hubachiisaniiru.

Gatii kanaan alatti qaamni daballii gatii taasise kamiiyyuu seeraan ni gaafatamu jedhan.

Hawaasa daldalaa gatii kaa’ameen ala gurguraan ummanni eeruu kennuu akka qabu waamichaa dhiyeessuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment