Finfinnee, Mudde 21, 2015(FBC)- Deeggarsa sharafa alaa mootummaan Zayitiin nyaataa liitirri miiliyoonni 30 fi kumni dhibbi 3 ol hawaasaaf raabsamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.
Ayyaanota Qilleefi Cuuphaan walqabatee hanqinni dhiyeessiifi daballiin gatii akka hin uumamneef karoora qophiin duraa qopheessuun caasaalee sadarkaan jiraniifi qaamolee dhimmamtootaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ministeerichi ibseera.
Bifuma kanaan raawwii karoora qophiin duraa oomishtoota, dhiyeessitootaafi qaamolee dhimmatootaa waliin guyyaa har’aa gamaaggameera.
Yeroo ammaa naannoo Tigraayiin dabalatee zayitiin nyaataa liitirri miiliyoonni 30 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 40 fi 667 hawaasaaf raabsamaa jiraachuu eerameera.
Hojii karoora qophiin duraan hojjetameen biyya keessatti oomishni gahaan dhiyaachuufi ayyaanota dhufanitti hanqinni zayita nyaataa kan hin uumane ta’uu mirkaneeffamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.