Zayitii liitiriin miiliyoonni 40 yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa kan galu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Zayitii liitiriin miiliyoonni 40 yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa kan galu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Daballiin gatii tibbana zayitiirratti mul’ate sababa jijjiiramni gabaa idil addunyaatti dhufeen ta’uu ministeerichi ibseera.

Sababa jijjiirama kanaan hanqinni oomishaa mudatee fi burjaajiinni hawaasa biratti uumame qaala’iinsa gatii hammeessuu ibsameera.

Hanqina dhiyeessii salphisuuf mootummaan yeroo gabaabaa keessatti zayitii liitira miiliytoona 40 gara biyyaa kan galchu ta’uu eerameera.

Furmaata yeroo dheeraaf dhiyeessii fi fedhii oomishichaa walmadaalchisuuf gareen haala gabaa kan qoratu hundeeffamuu ibsamera.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment