Zayinni nyaata leetirri miiliyoonni 4.8 alaa bitame Finfinneetti buufamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 7, 2014 (FBC)- Qaala’iinsa zayita nyaata muudate tasgabbeessuuf zaayita nyaata leetira miiliyoonni 12.5 gara biyyaa imaalchiisuu Waldaan Aksiyoona Geejjiba Baaburaa Ityoo-Jibuutii beeksiseera.

Daayreektarri olaanaa waldichaa Injiinaar Xilaahuun Faarikaa Faanaa Broodkaastingii Koorpooreetitti akka himaniiri, Ministeerri Maallaqaa zayita biyya alaarra bitee aariitiin gara biyyaa galchuf si’aaniinaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hanga ammattis zayita leetira miiliyoona 12.5 gara biyyaa galchuu danda’uusaa himaniiru.

Kanneen keessayis leetirri miiliyoonni 4.8 Finfinnee galuun buufamaa jiraachuu himaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee har’a ibsa laataniin, baatiiwwan sadeen dhufaniitti zayita nyaata leetira miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 50 gara biyyaa akka galuu himaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment