Zayiitiin nyaataa liitirri miiliyoona 16 torbee dhufu gara biyyaa galfama

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)- Zayiitiin nyaata biyya alaa irraa bitame liitirri miiliyoona 16 torbee dhufu gara biyya keessaa akka galfamu Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii Ityoophiyaa beeksise.

Hojii Gaggeessituun Dhaabbatichaa Aadde Yashiimmabeet Nagaash Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti akka himanitti, qaala’iinsa jireenyaa yeroo yeroon dabalaa dhufe tasgabbeessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Keessumaa, gatii meeshaalee bu’uuraa tasgabbeessuuf Dhaabbanni Misooma Galteewwan Indaastirii Ityoophiyaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan oomishaalee gabaa biyyaa keessaarratti hanqina qaban biyya alaarraa bituun gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaas Zayiita nyaataa liitira miiliyoona 16 Birrii biiliyoona 1.3 oliin biyya alaa irraa bitamuu himaniiru.

Zayiitiin nyaata bitames torbee dhufu gara biyyattii akka galfamu eeraniiru.

Yeroo gabaabaa keessattis naannolee fi bulchiinsa magaalaa hundaaf akka raabsamu hubacjhiisaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment