Zammanee Kaaseen to’annoo jala oole

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Yakka garaagaraan shakkamuun barbaadamaa kan ture Zammanee Kaaseen to’annoo jala ooluu Komishiniin Poolisii Naannoo Amaaraa beeksiise.

Shakkamichi Birrii kuma Dhibba 5 fi kuma 41 fi meeshaalee biroo waliin harkaaf harkatti to’atamuu Komishini Poolisii naannichaatti Itti aanaa Itti gaafatamaan Damee Qorannoo Tooftaa Komaandar Kinduu Wandeen ibsaniiru.

Eeruu ummataan to’annoo jala ooluun dhimmi isaa qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Bahiirdaar ganda 03tti to’annoo jala ooluu isaa himaniiru.

Shakkamaan yakkaan barbaadamaa ture kun to’annoo jala akka ooluuf hawaasa tumsa taasiise galateeffachuu AMCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment