Yuuseen Boolti badhaasa nama milkaa’aa BBC Ispoorti mo’ate

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Atileetiin lammii Jamaayikaa Yuuseen Boolti badhaasa nama milkaa’aa BBC Ispoortii mo’ate.

Yeroo saddeet meedaaliyaa fiigicha olompikii kan injifate Yuuseen Boolti, 2008 Olompikii Beejiingii, 2012 Landanitti fi 2016 Riiyootti walitti aansaan Shaampiyoonaa ta’eera.
Badhaasichaan boodas BBC Ispoortiif yaada kenneen “Cimtee yoo hojjette waan barbaaddu akka argattu ani ragaadha” jechuun dubbateera.

Waanti abbaan koo na barsiise waan tokko milkeessuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisuu, abbaan isaa haadhaa, obboleettii fi isaa gaggeessuuf tattaffiin taasisu milkaa’ina isaaf fakkeenya ta’uu eereera.

Yuuseen Boolti bara 2009 Shaampiyoonaa Barliin irratti fiigicha meetira 100 sekoondii 9.58 galuun galmee addunyaa qabachuun kan yaadatamuudha.

Kan umriin 36 Boolti fiigicha meetira 100’n abbaa galmee addunyaa yoo ta’u, Hagayyaa 2017, yeroo 19 shaampiyoonaa erga ta’een booda fiigicha dhaabeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment