Yuunvarsitiin Waraabee Yuunvarsiitii Waldiyaaf deeggarsa meeshaalee garagaraa Birrii miiliyoona 2.8tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC)-Yuunvarsitiin Waraabee, hojii Yuunvarsitii Waldiyaa eegalchiisuuf kan ooluu deeggarsa meeshaalee Birri miiliyoona 2.8 ol ta’uu gumaacheera.

Deeggarsoota gumaachee keessaa Koompitaroota, meeshaalee barreeffamaa, farnicharoota akkasumas meshaalee barnootaafi nyaataa baratootaaf oolan keessatti argaman.

Bakka bu’aan Preezdaanti Yuunvarsitii Waraabee obbo Kadiir Shiifaa, yuunvarsitichi yeroo dhihootti, adeemsa hojii baruufi barsiisuutti akka deebi’uuf kan kaayyeeffate tahu himaniru.

Yuunvarsitiin Waldiyaa humna guutun hojii eegalchiisuuf deeggarsa Yuunvarsitiin Waraabee taasisuu cimse kan itti fufu tahuus himaniru.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Waldiyaa Dooktar Abbabaa Girmaa, Yuunvarsitin Waraabee itti gaafatamummaa biyyaa bahuuf deeggarsa yuunvarsitichaaf taasiseef galateeffachuusaani ragaan Ministeera Barnootaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment