Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) –Yuunvarsitiin Jimmaa giddu gala babal’ina qorannoo teeknooloojii hojii eegalchiiseera.
Yuunvarsitichii giddu galawwan qorannoo sadi banuu fi hojii eegalchisuuf karoorfatee keessaa tokko kan ta’e kaampaasii Teeknooloojii Injinariingii Yuunvarsiitichaatti hojii eegalchiisuu Diiniin Koolleejjii Teeknooloojii Dooktar Efreem Waaqjiraa ibsaniiru.
Yuunvarsitichaa sagantaa qabatee keessaa tokko bu’aalee teeknooloojii yaaliif dhiiyeessuu fi hojiitti hiikuuf giddu galli akkasii barbaachiisaa ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsitii Jimmaa Dookta r Jamaal Abbaa Fiixaa fbctti himaniiru.
Bu’aaleen qorannoo yoo hojiirra hin oollee bu’aan waa barachuu keenyaa gatii hin qabu jedhan Dooktar Jamaal.
Gara fuula duraas bu’aawwan argaman gabaaf dhiyeessuf hojiin eegalamuu himaniiru.
Sirnicha hojii eegalchiisuu giddugala Yuunvarsiitiwwan Wallaggaa,Mizaan Amaan,Mattuu,Dambii Dolloo fi kanneen biroo argamaniiru jedhame.
Abdurahimaan Mahammaditu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.