Yuunvarsiitiwwan Vaayrasii koroonaa ittisuuf qophii taasisaa jiran cimsuu qabu

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiwwan Vaayrasii koroonaa ittisuuf qophii taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban gaafatame.
 
Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Proofeesar Hiruut Waldamaariyaamii fi daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Dooktar Eebbaa Abaataan Preezdaantoota fi itti aanaantoota Preezdaantii Yuunvarsiitiwwan 45 waliin Viidiyoo konfaransiin mari’ataniiru.
 
Marii taasifameen Yuunvarsiitiwwan dhibbicha ittisuuf qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu ibsameera.
 
Qophiilee taasifamu milkeessuuf koreen dhaabbilee hunda keessatti hundaa’ee hojjechaa jiraachuu himameera.
 
Yuunvarsiitiwwan keessatti akka tasaa mallattoon vaayrasii kanaa yoo muul’ate furmaata hatattamaf naannoolee waliin ta’uun qophiin taasifamu xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Proofeesar Hiruut Waldamaariyaam gaafataniiru.
 
Dooktar Eebbaan of eeggannoo fi qophii duraa taasiifamuu qabu ilaalchisee qorannoo ragaarratti hundaa’e dhiyeessaniiru.
 
Hojiileen eegalaman jajjabeessaa ta’uu fi dhibicha ittisuuf hojiin hojjetamuu qabu ariitiin raawwatamuu akka qabu ibsaniiru.
 
Vaayrasichi gara Yuunvarsiitiwwanii akka hin galleef hojiin hubannoo uumuu hawaasa waliin qindoominaan hojjetamuu qaba jedhan Dooktar Eebban.
 
Zabiib Taklaayitu gabaase
Comments (0)
Add Comment