Yuunvarsiitiwwan Muummee Barnootaa qabiyyee walfakkaataa qabaatanii maqaa garaagaraan waamaman irra deebiin sirreessuu qabu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiwwan Muummee Barnootaa qabiyyee walfakkaataa qabaatanii maqaa garaagaraan waamaman moggaasa isaanii irra deebiin sirreessuu akka qaban Ministeerri Barnootaa hubachiise.
Yuunvarsiitiin Walaayittaa Ministeera Barnootaa waliin ta’uun sirreeffama moggaasa sagantaalee digirii jalqabaa irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Yuunvarsiitiwwan Muummee Barnootaa qabiyyee walfakkaataa qabaatanii maqaa garaagaraan waamaman moggaasa isaanii irra deebiin sirreessuu akka qaban Ministir Deetaan Dhimmoota Waliigalaa Akkaadaamii Ministeera Barnootaa Dooktar Eebbaa Miijanaan hubachiisaniiru.
Hojmaanni kun rakkoolee damichaan mul’atan furuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.
Abbabachi Keeshaamootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment