Yuunvarsiitin Jimmaa barattoota 51 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitin Jimmaa barattoota 51 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Yuunvarsiitichi sochii baatiiwwan lamaaf taasisaa tureen, miidhaan cimaan akka hin qaqqabne ittisuu beeksiseera.

Barattoota tasgabbiin akka dhabamu, barnoonni akka addaan ciccitu taasisan 51 irratti tarkaanfii fudhachuu ifoomsera.

Kanaanis barattoota 31 akeekkachiifni dhummaa kan laatameef yoo ta’u, barattoota 20 ammoo wagga 1 hanga barnotarraa ugguruutti tarkaanfiin adabbii fudhatameera jedheera.

Hojjettoota eegumsaa 28 soorama kan baase yoo ta’u, 29 ammoo hojiirra gaggeessera.

Hojjettoota tajaajjila barattootaa fi bulchiinsaa; itti aanaa preezdaantii fi daayreektaroota 3 akkasumaas dameewwan biroorraa hoggantoota 3 jijjiirera.

Comments (0)
Add Comment