Yuunvarsiitiiwwan gara biyyaa dhufuu diyaaspoorotaa akka carraa gaariitti itti fayyadamuu qabu- Hayyoota

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Yuunvarsiitiiwwan gara biyyaa dhufuu diyaaspoorotaa akka carraa gaariitti itti fayyadamuu akka qaban hayyootni ibsan.

Diyaaspooronni gara biyyaa dhufuun yuunvarsiitiiwwaniif carraa muuxannoo fi beekumsa itti qooddatan kan uumu ta’uu hayyoonni yuunvarsiitii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisan ibsaniiru.

Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti gargaaraan Proofeesaraa Shaanbal Tufaa, gara biyyaa galuun diyaaspoorotaa walitti dhiyeenya hayyootaa kan guddisu ta’uu himaniiru.

Walitti dhiyeenya hayyootaa kanatti fayyadamuun Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa dhugaa qabatamaa Ityoophiyaa biyyoota addunyaa biroof beeksisuu akka qaban ibsaniiru.

Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Suuraafeel Geetaahuun, dhaabbileen barnootaa olaanoon adeemsa baruu fi barsiisuu sababa weerara vaayrasii koroonaan jalaa burjaaja’e hayyoota diyaaspooraatti fayyadamuun sirreessuu akka danda’an ibsaniiru.

Yuunvarsiitiiwwan garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an deebisanii dhaabuuf  humna namaa fi diinagdee guddaa kan gaafatu ta’uu kaasuun, beekumsaa fi qabeenya diyaaspooraatti haalaan fayyadamuu danda’amnaan rakkicha yeroo gabaabaa keessatti furuun akka danda’amu addeessaniiru.

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa muuxannoo fi beekumsa diyaaspooraa qooddachuuf qophii ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Dooktar Salamoon Zarihuun ibsaniiru.

Yuunvarsiitiiwwan biroonis filannoowwan invastimantii naannoo isaanii jiran irratti ibsa bal’aa diyaaspoorotaaf kennuu akka qaban ibsaniiru.

Kunis diyaaspooraan filannoowwan invastimantiirratti bobba’uun qabeenya isaa biyya isaarra akka oolchu taasisa jedhaniiru.

Iyyoonaadaab Andu’aalamtu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment